Baatiiwwan 6 darbanitti walitti bu’iinsa namaa fi Arba gidduutti uumameen Arboonni 11 fi namoonni 4 du’aniiru

Finfinnee, Bitootessa 17, 2014 (FBC) – Baatiiwwan 6 darbanitti Buufata Arbaa Baabbilleetti walitti bu’iinsa namaa fi Arba gidduutti uumameen Arboonni 11 fi namoonni 4 du’uu ibsame.

Mariin Arba Baabbilee Balaawwan nam-tolcheerraa Baraaruurratti xiyyeeffate  Yuunvarsiitii Haramaayaatti Gaggeeffamaa jira.

kaayyoon marichaa Arboota Baabbilee yeroo ammaa kana sababoota Nam- tolchee fi dhiibbawwaan biroon miidhamaa jiran Balaarraa baraaruuf akka ta’e Daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Eegumsaa Bineesota Bosonaa Ityoophiyaa obbo Solomoon Mokonniin ibsaniiru.

Maricharratti qaamolee dhimmi ilaalattu naannoo Oromiyaa fi naannoo Somaaleerra dhufan hirmaataniiru.

Qubannaan seeraan ala naannoolee laman irraa Iddoo qubannaa Arba Baabbilee keessatti gaggeeffamaa jiru Arba Baabbilee rakkoof saaxiluu  qorannoo Yuunvarsiitiin Haramaayaa maricharratti dhiyeesseen eeramera.

Rakkoowwan nam-tolchee fi uumamaa Arba Baabbilee irratti qaqqabaa jiru dhabamsiisuun Arboonni kunneen  akka jiraatan gochuuf qaamoolee hundaarraa deeggarsii fi xiyyeeffannoon kan barbaachisu ta’uu Itti aanaan Sirna Qorannoo preezdaantii Yuunvarsiitii Haramaayaa Dooktar Tasfaayee Lammaa mariicharratti haasawa taasisaniin addeessaniiru.

Baatiiwwan 6 darbanitti walitti bu’iinsa namaa fi Arba gidduutti uumameen Arboonni 11 fi namoonni 4 du’u ibsameera.

Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment