Baatiiwwan 6 darbanitti qorichoonni Birrii biiliyoona 26 olitti shallagaman gara biyyaa galuu ibsame

Finfinnee,Gurraandhala 16, 2014 (FBC) – Baatiiwwan 6 darbanitti qorichoonnii fi meeshaaleen yaala fayyaa Birrii biiliyoona 26 olitti shallagaman to’annoo barbaachisaan irratti taasifamee  gara biyyaa galuu  Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa beeksise.

Abbaan taayitichaa akkaataa itti gaafatamummaa labsiin itti laatameen  nageenya, qulqullinaa, fayyisummaa fi haala itti fayyadama isaanii erga ilaaleen booda gara biyyaa galchuu ibsameera.

Gama biraan qorichoonnii fi meeshaaleen yaala fayyaa Birrii miiliyoona 32 olitti tilmaamaman ulaagaa barbaachisu kan hin guunnee fi osoo hin galmaa’iin karaa seeraan alaa gara biyyaa seenuuf osoo jedhanii to’atamuun faayidaarra akka hin oolle taasifamuu eerameera.

Bifuma walfakkaatuun to’annoo dhaabbilee qorichaa biyya keessaarratti taasifameen  qorichootaa fi meeshaalee yaala fayyaa tajaajila hin laannee fi badan  44 irratti akeekachiisni kennamuu ragaan abbaa taayitichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment