Baatiiwwan 5’n darbanitti lammiileen kuma 144 ol carraa hojii biyya alaa argaachuun ibsame

Finfinnee, Mudde 25, 2016 (FBC)- Baatiiwwan 5’n darbanitti lammiileen kuma 144 fi 825 carraa  hojii alaa argaachuu Ministeerri Hojii fi Ogummaa beeksise.

Bobbii hojii alaa ilaalchisuun akkataa eegumsa mirgaa, nageenya lammiilee fi haala fayyadamummaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojiilee jalqabaman sadarkaa irra jiran gamaaggamameera.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamil, Ambaasaaddar Girmaa Birruu fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.

Aadde Mufaariyaat, damichaan fayyadamummaa lammiilee mirkannessuun baatiiwwan 5’n darbanitti lammiileen kuma 144 fi 825 ol carraa hojii alaa argachuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan raawwiin gaariin galma’aa jiraachuu eeruun, lammiilee hedduuf carra hojii qulqullina qabu uumuun akka danda’ames Aadde Mufaariyaat toora Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment