Finfinnee, Sadaasa 15, 2014 (FBC) – Baatiiwwan 4 darbanitti daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoona 1.28 ol argamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannoo beeksise.
Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannoo Gabramasqal Caalaan ibsa laataniin, baatiiwwan arfan darbanitti daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1.28 ol argamuu ibsaniiru.
Ityoophiyaan rakkoolee garaagaraa keessa jiraattus tattaaffii taasifameen bu’aa jajjabeessaan argamuu kaasaniiru.
Damee qonnaarraa Doolaarri miiliyoonni 904, Manuufaakchariingiirraa Doolaarri 157, Albuudarraa Doolaarri miiliyoonni 188, Gurgurtaa Elektirikaarraa Doolaarri miiliyoonni 30 argamuu eeraniiru.
Dhiyeessii shaqaxaalee bu’uuraan walqabatee oomisha biyya keessaa fi bittaa alaan zayitni nyaataa liitiriin miiliyoonni 286, shukkaarri kuntaalli miiliyoonni 7, qamadiin meetirik tooniin 400 dhiyaachuu ibsaniiru.
Dabalataan qamadiin Meetirik tooniin kuma dhibba 4 adeemsa bittaarra jiraachuu ibsaniiru.
Fatiyaa Abdallaatu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
arsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.