Finfinnee, Onkololeessa 22, 2017 (FBC)- bara baajataa kana baatiiwwan sadan jalqabaatti invastimantii Doolaara miiliyoona 300 hawwachuun akka danda’ame Koorporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaa beeksise.
Waltajjiin gamaaggama raawwii baatiiwan sadan darbanii Koorporeeshinichaa gaggeeffameera.
Paarkiiwwan Indastirri keessattii abbootiin qabeenyaa galanii hojjechaa jiran irraa caalaan abotii qabeenyaa biyya keessaa ta’uun eerameera.
Dabalataan, abbootii qabeenyaa Chaayinaa, Jaappaanii fi Veetinaam Itiyoophiyaatti hojii invastimantiirraatti bobba’anii akka hojjetan taasifamuun ibsameera.
Abbootiin qabeenyaa kunneen paarkiiwwan indaastirii Hawaasaa, Kombolchaa, Boolee Lammii fi Qilinxoo galanii hojjechaa jiraachuu ibsuu ragaa koorporeeshincharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia