Finfinnee, Bitootessa 23, 2015(FBC)- Baatiiwwan 3 dhufanitti xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 7fi kumni 700 gara biyyaa kan galu ta’uu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Bara oomishaa 2015/16’f bittaan xaa’oo biyyee kuntaalli miiliyoona 12fi kuma 800 raawwatamuu Ministeera Qonnaatti Ministir Deetaan Damee Invastimantiifi Galteewwanii Dooktar Soofiyaa Kaasaan eeraniiru.
Hanga torban darbeetti xaa’oon biyyee kuntaalli miiliyoonni 5.1 Jibuutii gahuu kaasuun, kanneen keessaa kuntaalli miiliyoonni 4.5 gara biyyaa seenuun gara man-kuusaa naannoleetti geejjibsiifamuu dubbataniiru.
Hanga baatii Waxabajjiitti guutumaan guutuutti gara biyyaa galchuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Xaa’oon kun Moorookoo dabalatee biyyoota garaagaraarraa bitamuu ibsuun, gatii bittaafi geejjibaa dabalatee Birriin biiliyoonni 64 baasii ta’uu addeessaniiru.
Yohaannis Darribawutu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.