Baatiiwwan 10’n darban Itiyoophiyaan Guddinaa dinaagdee Gooroo itti fufiinsaan galmeessite -TKM

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2016 (FBC) –Baatiiwwan kurnan darban Itiyoophiyaan guddina dinaagdee Gooroo cimaa biyyaa ijaaruuf dandeessisu kan itti mirkaneessite ta’uu Tajaajilli Koominikeshinii Mootummaa beeksise.
Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawit Kaasan , raawwii baatiiwwaan kurnan darbanii ilaalchiisee ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin, guddinni dinaagdee 7.9 Itiyoophiyaan galmeessifte biyya guddinaa ariifachiisaa keessa jirtu ta’uu kan eereedha jedhan.
Akkasumas Itiyoophiyaan baatiiwwan kurnan darban qormaatiilee hedduu keessa tatuus guddina dinaagdee Gooroo cimaa ijaaruu akka dandeesse ibsaniiru.
Guddinaa Dinaagdee Gooroof dameen qonnaa gumaachaa olaanaa qabaachuu kaasaniiru.
Haaluma kanaan bara oomishaa kana callaa kuntaala miiliyoona 513 walitti qabuuf karoorfamee, baatiiwwan 10’n darbanitti oomishni kuntaalli 506 walitti qabaamuu dubbataniiru.
Fevan Bishaawutiin
Comments (0)
Add Comment