Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2014 (FBC)- Baatiin nageenyummaa saayiberii biyyaalessaa 2ffaan ifatti kan eegalu ta’uu Ejensiin nageenya Odeeffannoo beeksiseera.
Guyyaa har’aa Baatiin nageenyummaa saayiberii biyyaalessaa 2ffaan mata duree “ nageenyaa saayibariif itti gaafatamummaa waloo, haa beeknu, haa eeggannu” jedhuun ifatti kabajamuu kan eegalu ta’uu Ejensichi ibseera.
Hanga Onkoloolessa 30, 2014 sirna garaagaraatiin kan kabajamu ta’uus ibsameera.
Ayyaanichi qopheessummaa Ejensii nageenya Odeeffannootin kabajama jedhameera.
Qaamolee dhimmi ilaallatu biroon kan qooda fudhatan ta’uu eerameera.
Kaayyoon kabaja ayyaanichaas dhaabbilee fi hawaasaaf sochii hubannoo uumuu taasisuun ergama faayidaa Biyyaalessaa Ityoophiyaa eegsisuuf akka ta’e ragaan Ejensicharraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.