Baatiin Nageenya Saayibarii biyyaalessaa 5ffaan har’aa eegalee ni gaggeeffama

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2017 (FBC) – Baatiin Nageenya Saayibarii biyyaalessaa 5ffaan mata duree ‘nageenya bu’uraalee misoomaa ijoo birmadummaa Diijitaalaaf’jedhuun har’aa eegalee ni gaggeeffama.

Kabajni Baatii nageenya saayibarii biyyaalessaa 5ffaab kun baatii tokkoof kan turu ta’uu ibsameera.

Baatii kana kabajuun hubannoo dhaabbilee fi lammiilee guddisuuf gahee qabaachuu eerameera.

Akkasumas sadarkaa biyyaalessaatti qindoomina uumuun birmadummaa saayibarii mirkaneessuuf gumaacha olaanaa qabaachuus ibsameera.

Sagantichi marii, dorgommii barattootaa fi qophiilee biroon kabajama jedhame.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment