Baatiin Nageenya Saayibarii biyyaalessaa 5ffaan eegale

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2017 (FBC) – Baatiin Nageenya Saayibarii biyyaalessaa 5ffaan mata duree ‘nageenya bu’uraalee misoomaa ijoo birmadummaa Diijitaalaaf’jedhuun gaggeeffamuu eegale.

Kabajni Baatii nageenya saayibarii biyyaalessaa 5ffaan kun har’aa eegalee hanga Onkololeessa 30, 2017tti tura jedhameera.

Bulchaa Baankii Biyyaaleessaa Maammoo Mihiraatuu, Pireezidaantii Baankii Daldala Itiyoophiyaa Obbo Abbee Saannoo, Ministira Ministeera Innooveeshinii fi Teeknoonooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaa, Hojii Raawwachiiftuu Olaantuu Itiyoo teeleekoom Fireehiyiwaat Taammiruu dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa fi qooda fudhattoonni sirna baniinsa baatii nageenya Saayibarii kanarratti argamuu TOI gabaaseera.

Baatiin nageenya Saayibarii kun bara 2012 eegalee waggaan sadarkaa biyyaaleessaatti baatii tokkoof kabajamaa kan jiru yoo ta’uu akka addunyaatti yeroo 21ffaaf kabajama.

Sagantaa kanaan qophiileen hubannoo dhaabbilee fi lammiilee guddisuuf kan gaggeeffaman ta’uu eerameera.

Akkasumas sadarkaa biyyaalessaatti qindoomina uumuun birmadummaa saayibarii mirkaneessuuf gumaacha olaanaa qabaachuus ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment