Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2015 (FBC)- Baatiin Nageenya saayibarii 3ffaan mata duree “Nageenya saayibarii qindaa’aa birmadummaa biyyaaf” jedhuun eegalameera.
Sagantichaarratti Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin dabalatee, qondaaltonni biroon argamaniiru.
Obbo Dammaqaan waltajjicharratti, damechi utubaa guddinaa keenyaa ijoo waan ta’eef, karooraatti dabalamuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan giddugaloota garaagaraa hundeessuun hojiileen hojjetaman bu’aa argamsiisuu ibsanii, damecharratti dargaggoota hirmaachisuun, jijjiiramni biyyaa kan hinraafamne taasisa jedhaniiru.
Damechi qindoominaa fi hirmaannaa qaamolee dhimmichi ilaallatu hundaa kan barbaachisu waan ta’eef bu’aa qabeessummaa galma waloof itti fayyadamuu qabna jechuun waamicha dhiyeessaniiru.
Daayrektarri Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sokkaa gama isaaniin haleelaa saayibarii birmadummaa biyyaarratti aggaamamu qolachuun damechaan dammaqinaan hirmaachuun misooma damee hundaa tumsaa jira jedhaniiru.
Sagantichi har’arraa eegalee hanga Onkoloolessaa 30, 2015’tti hubannoo hawaasaa fi dhaabbataa cimsuun, ofii isaanii haleellaa saayibariirraa akka of ittisan sagantaaleen garaagaraa kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
Hawaasa dijitaalaa cimsuuf karoora qabame keessatti gaheen nageenya saayibarii olaanaa akka ta’uuf, gama kanaan karooricha kan madaalu tarsiimoon nageenya odeeffannoo wixineeffamaa jiraachuun beekameera.
Addisuu Muluneetu gabaase
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.