Baatii tokkotti gurgurtaan konkolaataa fi manaa Birrii biiliyoona 2.8 ol karaa baankiin raawwatameera

Finfinnee, Onkololeessaa 10, 2013 (FBC) – Baatii tokkotti gurgurtaan konkolaataa fi manaa Birrii biiliyoona 2.8 ol karaa baankiin raawwatameera.

Baatii tokkotti gurgurtaan konkolaataa fi manaa jireenyaa Birrii biiliyoona 2.8 ol karaa baankiin raawwatamuu Ejansii Mirkanessaa fi Galmeessaa Sanadootaa Federaalaa beeksise.

Ejansichi Fulbaana7, 2013 irraa eegalee waliggaltee liqaa, gurgurtaa fi kennaarratti kan raawwatamu tajajaajila mirkaneessaa fi galmee sanadootaa irratti jijjiirraa qajeelfamaa taasisuun isaa ni yaadatama.

Daayrekatarri olaanaa ejansichaa obbo Muluqaan Amaaree akka ibsanitti jijjiiramichaan walqabatee wal harkaa fuudhinsi maallaqaa gurgurtaa fi bittaa gidduu raawwatu karaa baankii qofaan akka raawwatamuu ta’eera.

Kanumaan walqabatee Fulbaana7, 2013 hanga Onkololeessa 6, 2013tti gurgurtaan konkolaatootaa kuma 2 fi 797 Birrii biiliyoona 1 miiliyoona 200 fi miilyoona 76 fi kuma 300 fi kuma 85 fi 465 baankiin raawwatameera.

Haaluma walfakkatuun manneen jireenyaa 602 Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 500 fi miiliyoona 88 fi kuma 600 fi kuma 99 fi 768 baankiin raawwatamuu ragaan ejansicharraa argame ni muldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment