Baatii tokko keessatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii dachaa 10n dabale

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2012 (FBC) – Baatii tokko keessatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii dachaa 10n dabaluu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksise.
 
Baatiiwwan jalqabaa lamaan keessa namoota 250 qofatu qabamee ture.
 
Baatii 1 keessatti dachaa 10n dabaluu Inistiityuutich beeksiseera.
 
Weerarichi yeroo gara yerootti saffisaan dabalaa waan jiruuf of eeggannoo cimaa taasisuun akka barbaachisu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa hubachiiseera.
 
Dhukkubsatanii Hospitaala ciisurra mana turuun akka filatamu hawaasni hubachuu qaba jedhe Inistiityuutchi.
 
Akkasuma dhibamanii maashinaan harganuurraa haguuggii fuulaan afuura baafachuun filatamaa ta’uu hubachiiseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment