Baatii tokko keessatti Hidha Haaromsa Guddichaaf Birriin miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 16 walitti qabame

Finfinnee, Hagayyaa 13, 2012 (FBC) – Erga Guutinsi bishaanii marsaan jalqabaa Hidha Haaromsa Guddichaa xumurame baatii tokko keessatti Birriin miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 16 ol walitti qabamuu ibsame.
 
Waajjirri Mana Maree Qindeessaa hirmaannaa ummtaa Hidha Haaroomsaa Guddichaa Ityoophiyaa, erga guutinsi bishaanii marsaan jalqabaa xumuramee deeggarsi taasifamu cimee itti fufuu ibseera.
 
Baatii tokko keesstti Birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 16 walitti qabamuu daayreektarri miidiyaa fi Koomiiniikeeshinii waajjirichaa obbo Hayiluu Abrahaam dubbataniiru.
 
Milkaa’ina ijaarsa hidhichaaf deeggarsi dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa, Baankotaa fi Inshuraansiiwwan, Diyaaspooraa, akkasumas hirmaannaan hawaasaa walii gala kaka’umsa olaanaa uumeera jedhan.
 
Baatii Adooleessaa sagantaa ergaa gabaabaa 8100 “A” irraa qofa birrii miiliyoonni 11 fi kumni dhibbi 2 fi kumni 71 ol argameera jedhan.
 
Gurgurtaa Boondii fi kennaan ammoo Birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 5 fi Kumni dhibbi 2 ol walitti qabamuu himaniiru.
 
Erga ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa jalqabamee hanga ammaatti waliigala Birrii biiliyoonni 13 fi miiliyoonni dhiibi 8 ol ummattarraa walitti qabamuu Obbo Hayiluun himaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment