Finfinnee, Muddee 5, 2013 (FBC) – Baatii Sadaasa keessa galiin Birrii Biiliyoonni 19.2 ol sassaabuu Ministeerii Galiiwwaanii beeksise.
Ministeerich Birrii biiliyoona 9 fi miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 92 ol galii biyyaa keessaa irraa, galii Birrii biiliyoona 9 fi miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 6 ol daldaalaa alaa irraa, galii hafe taaksii fi lootorii irra walitti qabuu beeksiseera.
Baatii Sadaasaa keessa galii walitti qabuuf karoorfame keessaa %92 raawwatamuu ibseera.
Bara baajataa 2013 keessa waliigala Birrii Biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona 90 sassaabuuf karoorfatee hanga ammaatti Birriin biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 26 fi miiliyoonni dhibbi 8 fi miiliyoonni 35 ol walitti qabamuu ibsameera.
Baatii shanan darban keessa galii sassaabuuf karoorfame keessaa % 100 ol walitti qabamuu ragaan Ministeera Galiiwwaniirraa argame ni muul’sa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.