Baatii Onkololeessaa daballiin gatii waliigalaa kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame %19.3 ol ka’uu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2013 (FBC) – Baatii Onkololeessaa daballiin gatii waliigalaa kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame %19.3 ol ka’uu Ejansiin Istaastiksii Giddugaleessaa ifoomse.
 
Gatiin oomishaalee nyaataa baatii Onkololeessaa bara 2013 kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame waliigala %23.2 ol ka’uu ejansichi beeksiseera.
 
Daballiin gatii gosootaa midhaanii hedduurratti baatii onkololeessaa keessa muul’ate olaanaa ta’uu ibseera.
Daballiin gatii Daabboo, Buddeena, Sukkaara, Dinnicha, Barbaree fi Zayitarratti muul’ate daballii gatii walii galaaf sababa olaanaa ta’uu Ejansiin Istaastiksii Giddugaleessaa beeksiseera.
 
Gama biroon baatii kana gatiin Boqqoolloo, Qamadii, kuduraa fi muduraaa fi gosa midhaanii tokko tokkoo hanga tokko hir’isuu ibsameera.
Oomishaalee nyaataan alaa irrattis baatii Onkololeessaa daballiin gatii kan bara darbee yeroo walfakkatuun yoo madaallame %14.4 ol ka’uu ejansichi eereera.
 
Daballiin gatii waliigalaa baatii Onkololeessaa bara 2013 kan baatii Fulbaanaa bara 2013 yoo madaallamee % 0.4 ol ka’uu Ejansiin Istaastiksii Giddugaleessaa ifoomseera.
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment