Baatii kana keessa boba’a Xiyyaaraan ala gatiin qinxaaboo oomisha boba’aa haaluma duraan itti fufa jedhame

Finfinnee, Muddee 2, 2013 (FBC)  – Baatii Muddee keessa boba’a Xiyyaaraan ala gatiin qinxaaboo oomisha boba’aa biroo haaluma duraan akka itti fufa murtaa’uu ibsame.

Muddee 2, 2013 hanga Muddee 30, 2013tti boba’a Xiyyaaraan ala gatiin qinxaaboo oomishaalee boba’aa biroo haaluma baatii Sadaasaan akka  itti fufu murtaa’eera.

Mootummaan sosochiin hawaasummaa fi diinagdee haala tasgabbii qabuun akka itti fufuuf gatiin gurgurtaa qinxaaboo oomisha boba’aa haaluma dura tureen akka itti fufu murteessuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiseera.

Gatiin boba’a Xiyyaaraa baatii Sadaasaa Liitirri tokko Birrii 25.37 ture baatii Muddee gatiin Liitira tokkoo Birrii 25.47tti ol guddateera.

Haala gabaa boba’aa addunyaa bu’ura godhachuun sirreeffamni gatii kan taasiifamu ta’uu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment