Baatii itti aanuutti haalli qilleensa jiidhinsa mudatuu qabeenya bishaanii ni dabalaa jedhameera

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2013 (FBC)- Baatii itti aanuu haalli qillensaa jiidhinsa qabu mudatuun qabeenya bishaanii dabaluuf shooraa olaanaa qabachuu Eejensiin Meetrooloojii Biyyoolessaa rageera.

Eejensichi ibsa Faanaa Broodkaasting Koorporeetif ergeen, haalli qilleensaa raagamee yaa’insoonni akka dabalaniif shooraa qabatus iddoowwan tokko tokkotti roobaa cimaa mudatuun iddoowwan tabba ta’aaniitti laftii sigagaachuu fi lolaa qaqqabsiisuu waan danda’uuf of eeggannoo barbaachisaan taasifamuu qaba jedheera.

Kanaafis bahaa walakkaan biyyaatti ammentaa jiidhiinsa dabaluun yaa’ootaarratti jidhinni fooyya’aa jiraachuu akka danda’uus raagameera.

Kaabaa bahaa fi bahaattis yaa’insoonni qilleensa wal fakkaataan akka jiraatus ibameera.

Kana hordoofee yaa’insoonni Abbaay, Baaroo Akooboo, Takazee, Simxsishalaqoo, Omoo Gibee akkasumas Awaash haala qilleensa jidha olaanaa qabatuun eeggama.

Afawarq Iyaayyuutu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment