Baatii Fulbaana konkolaachiftoonni seeraa fi danbii tiraafikaa darban kuma 10 ol adabaman – Ejansii Hoggansa Tiraafikaa Finfinnee

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2013 (FBC) – Baatii Fulbaana darbe konkolaachiftoonni seeraa fi danbii tiraafikaa darban kuma 10 ol adabamuu Ejansiin Hoggansa Tiraafikaa Finfinnee beeksise.

 
Ejansichi baatii Fulbaana qofaa seeraa fi danbii tiraafikaa kan darban konkolaachiftoonni kuma 10 ol adabamuu ibseera.
 
Hojiin to’annoo hojjetame bakkee dhorkaa dhaabuu, ibsaa tiraafikaa darbuu, kallatti hin barbaachifneen konkolaachisuu, bakka dhaabbii baasii dhaabuu, yutarii kabajuu dhiisuu addabaabaayii fi ibsaa tiraafikaa irratti bittaa raawwachuu, Zabraa fi daandii walsimsiisaarra dhaabuu fi kanneen biroo darbuu ta’uun ejansichi beeksiseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment