Baatii Eebila qofaa galii Doolaraa Ameerikaa Miiliyoona 300 fi miiliyoona 29.3 argaame

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan baatii Eebila qofaa galii Doolaraa Ameerikaa Miiliyoona 300 fi miiliyoona 29.3 argaachuu Ministirri Daldalaa fi Indastirii beeksise.

 

Bara baajata kanatti baatii Eebila keessa galii Doolaraa Miiliyoona 300 fi miiliyoona 65.1 argaachuuf karoorfamee galiin argame Doolaraa miiliyoona 300 fi miiliyoona 29.3 ta’uu Ministirri Daldalaa fi Indastirii beeksiseera.

 

Galiin kunis kan argame damee oomisha qonnaa irraa Doolaraa miiliyoona 200 fi miiliyoona 37.47, damee Maanufaakchaariingi irraa Doolaraa miiliyoona 23.18 , damee Albuuda irraa Doolaraa miiliyoona 64.50 fi oomisha garagaraa irraa Doolaraa miiliyoona 4.14 galiin argamu ibseera.

 

Raawwii bara baajataa 2011 kan yeroo walfakkaataarra caalmaa harkaa 32 akka qabu ibsameera.

Oomisha warqee Abaaboo fi buna irra karooraa qabamee ol bu’an argamuu himameera.

 

Oomisha midhaan dheedhii , Kuduraa fi mudura, foon fi jimaa karoora qabamerraa %50 amma %99 galmeessisaniiru.

 

Karaa biroon ammoo oomishittoonni galii harka 50 gad galmeessissan oomisha Mi’eessituu,uffata ,horii dhaabbii fi oomisha gogaa fi bu’aa gogaa ta’uu Ministeerichi beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment