Finfinnee, Adoolessa 27, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti baatii tokko keessatti qofa kilaashii 47, shugguxii, rasaasa bireenii kuma 2 fi 978, rasaasa shugguxii kuma 18 fi 198 fi rasaasa kilaashii kumni 10 fi 273 to’atamuu Koomishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Komishinarri Koomishinicha Geetuu Argaawu akka ibsanitti, nageenyaa fi tasgabbii magaalattii booressuuf humnoonni ABUT, Shanee fi Alshabaab dandiilee garaagaraan yaalii taasisuun mirkanaa’eera.
Dabalataan garaagarummaa sabummaa da’eeffachuun yaaliin shororkessummaa fi hookkaraa jiraachuu ibsanii, nageenya magaalattii eeguuf humni waloo hawaasa waliin ta’uun fashaleessa jira jedhaniiru.
Kana malees, maallaqoonni garaagaraa to’atamuu ibsanii, Doolaara Ameerikaa kuma 54, maallaqaa sobaa kuma 280 olii fi Riyaalii Saa’udii kuma 10 ol to’atameera jedhan.
Namoota yakkicha raawwatan irrattis qoranoon gaggeeffamaa jiraachuu koomishinarichi ibsaniiru.
Alamsaggad Asaayyee fi Awwal Abarraatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.