Baatii 11’tti bunaa alaatti ergamerraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1 ol argame

Finfinnee, Waxabajjii 6 ,2015 (FBC)- Baatiiwwan 11’n darban bunaa gabaa alaatti ergame toonii kuma 210’rraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1.1 ol argame.

Akkaataa karoora qabameen oomisha gabaa biyya alaaf dhiyaateen galiin argame hir’ina muraasa argisiisuus, haala rakkoolee jiraniin bu’aan argame gaarii ta’uu Daayrektarri Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Ityoophiyaa Dooktar Addunyaa Dabalaan dubbataniru.

Bara baajataa dhufuttis hojiilee qulqullina bu’uureffataniin, dhaqqabummaa gabaa bal’isuun galii fooyya’aa argamsiisuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Keessumaa oomishaa fi omishtummaa guddisuu, qulqullina eegsisuu, bittaa fi gurgurtaa ammayyeessuu fi fayyadamummaa haqa qabeessaa mirkaneessuun cimee kan itti fufu ta’uu akeekaniiru.

Bara 2014 buna gabaa alaatti ergame toonii kuma 300 irraa galiin Doolaarri biiliyoona 1.4 ol argamuun ni yaadatama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment