Baasiin fayyaa waliigalaa Ityoophiyaa Birrii biiliyoona 127.5 gahuu ibsame

Finfinnee, Eebila 4, 2014 (FBC) – Baasiin fayyaa waliigalaa Ityoophiyaa Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 27 fi miiliyoona dhibba 5 gahuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministeerichi bu’aa qorannoo baasii fayyaa marsaa 8ffaa magaalaa Finfinneetti wayita ifoomsetti baasiin fayyaa biyyatti Birrii biiliyoona 127.5 gahuu beeksiseera.

Bara baajataa 2009tti baasiin fayyaa Ityoophiyaa Birrii biiliyoona 72.1 kan ture ta’uu fi waggoottan sadeen darbanitti %17.1 guddina agarsiisuu eerameera.

Bu’aa qorannoo argameen baasiin fayyaa Ityoophiyaa giddugaleessaan Doolaara 33.1 irraa gara Doolaara 36.30tti guddachuu ibsameera.

Baasiin fayyaa giddugaleessaa kun ulaagaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa kaa’een yeroo ilaalamu baayyee gadi aanaa ta’uu ibsameera.

Biyyoota Ityoophiyaa waliin sadarkaa guddina walfakkaataa qaban waliin yeroo walbira qabamus Doolaara 43’n gadi kan bu’u ta’uu eerameera.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment