Baankotatti hammi Qusannoo Herreega Maamiltootaa Birrii Tiriiliiyoona 1.6 ga’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) – Baankotatti hammi Qusannoo Herreega Maamiltootaa Birrii Tiriiliiyoona 1.6 ga’uu Baankiin Biyyaalessa Ityoophiyaa beeksiise.
Aadaan qusannoo lammiilee sadarkaa barbaaddamurra ga’e jedhamuu baatus, daraan fooyya’aa dhufuu Baankii Biyyaalessaatti Daayrektarri Suupparviizhinii obbo Fireezar Ayyaalew ibsaniiru.
Hanga Baatii Bitootessaa 2014tti Baankotatti hammi qusannoo herreega maamiltootaa Birrii Tiriiliiyoona 1.6 ga’uu eeraniiru.
Wagiigala Baankonni Birrii Tiriiliyoona 1.5 liqaan kan kennaan yoo ta’uu, lakkoofsi liqeeffattootaas kuma dhibba 3 fi kuma 50 caaluu himaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment