Baankota alaa waliin dorgomuuf qophaa’aa jiraachuu baankonni biyya keessaa ibsan

Finfinnee, Amajjii 5, 2017 (FMC)- Baankota alaa gara Itiyoophiyaa dhiufuun hojjechuuf jiran waliin dorgomuuf qophii barbaachisaa taasisaa jiraachuu baankonni biyya keessaa ibsaniiru.

Pireezidaantiin Baankii Daldala Itiyoophiyaa Abbee Saanoon Faanaa Dijiitaaliif ibsa kennaniin baankonni biyya alaa biyya keessa galuun akka hojjetaniif labsiin eeyyamamuun, sharafa alaa guddisuurra darbee ce’umsa beekumsaa fi teeknooloojii saffisiisuuf kan gargaaruudha jedhan.

Baankichis, baankota alaa waliin dorgomuuf kan dadeessisuun tarsiimoowwan ammayyaa’a bocuun hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Keessumaa qulqullina tajaajilaa, dorgomtummaa gatii fi teeknooloojii fooyya’aa dhugoomsuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Dabalataan baankichi dandeetti kaappitaalaa isa guddisuuf qophii gama hundaa taasisaa akka jiru dubbataniiru.

Dabalataan hojiin dameelee isaa walitti dhiyaatan argaman walitti makuu gaggeeffamuu eegaluu kaasaniiru.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Baankii Giloobaal, Dooktar Tasfaayee Booruu gama isaaniin, baankichi akka biyyaatti seerota ba’an hojiirra oolchuuf qophii ta’uu himanii, baankota alaa biyyattii keessatti hojjechuuf dhufan waliin dorgomuuf qophaa’aa jiraachuu himaniiru.

Bu’uuruma kanaan baankota alarraa galan waliin damichaan dorgomaa ta’anii itti fufuuf adeemsa baankichaarratti qorannoo gaggeessaa jiraachuu eeraniiru.

Fuuldurattis tarsiimoowwan haaraa bocuun hojjechaa akka jiran dubbataniiru.

Hoji Raawwachiisaan Baankii Tsahaay Obbo Yaareed Masfiin gama isaaniin, baankichi baankota alaa biyya keessatti hojjechuuf jiran waliin dorgomuuf qorannoo barbaachisaa taasisuu beeksisanii, kaappitaala isaa guddisuuf, teeknooloojiiwwan haaraa hojiirra oolchuu fi haalota biroo waliin sanadni qophaa’ee xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment