Baankonni invastimantii fi dhaabbileen idil addunyaa qabeenyaa isaaniin gabaa sanadaa Ityoophiyaa keessatti hirmaachuuf fedhii argisiisan

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) – Baankonni invastimantii fi dhaabbileen Idil addunyaa qabeenya isaaniin gabaa sanadaa Ityoophiyaa keessatti hirmaachuuf fedhii qaban argisiisaa jiraachuu Baankiin Biyyaalessaa Ityoophiyaa ibse.
Gorsaa Olaanaan Dhimma Diinagdee Gooroo Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Mallase Minaalee gabaa kaappitaalaa Ityoophiyaatti eegaluu fi gabaa isaa hogganuuf labsii ragga’e ilaalchisuun akka ibsanitti labsichi ragga’uun hirmaattota gabichaa, sirna to’annoo, yakkoota raawwachuu danda’an to’achuuf tarkaanfii murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Ityoophiyaan gabaa qabeenya sanadaa jalqabde muuxannoo biyyootaa birootiin gabaa Istookii yookaan gabaa aksiyoonaa kan jedhamuu waliin kan walfakkaatu ta’uu himaniiru.
Ityoophiyaatti invastaroota, Ministeeraa Maallaqaa fi FSD Afrikaa gabaa qabeenya sanadaa hundeessuuf torban darbe proojektii hundeeffame jalqabsiisuuf waliigaluu isaanii Obbo Mallas himaniiru.
Labsii gabaa kaappitaalaa Ityoophiyaa bu’uureffachuun gabaa sanadaa jalqabuuf sochiirra jiraachuu dhaabbileen alaa gabaa kana keessatti hirmaachuuf fedhii argisiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Gabichi invastaroota alaaf banaa ta’uu eeranii, labsiin kun ragga’uun dhaabbileen sadarkaa addunyaatti beekaman sadii fedhii isaanii argisiisuun dhimmoota teekinikaarratti mariin gaggeeffamuu ibsaniiru.
Ityoophiyaan tajaajila gabaa sanadaa jalqabduu keessatti teekinooloojiiwwan hojiirra oolan ce’umsa beekumsaa kan saffisiisan ta’uun eerameera.
Gabaan Sanadoota qabeenyaa bitamuu yookaan gurguramuu kan danda’an, aksiyoonatti dabalataan, sanadoota abbaa idummaa, liqaa, baankota, sandoota gara kaappitaalaatti geeddaramuu danda’an, sandoota liqaa ummataa mootummaan ba’anii fi gabaaf oolan, waliigalteewwan qabeenyaan walqabatan, sanadni qoodaa fandii invastimantii kan keessatti argamaniidha jedhaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment