Baankonni Finfinneetti argaman deeggarsa barattoota dabalatee misooma magaalicha deeggaruuf waadaa galan

Finfinnee, Hagayya 28, 2012 (FBC)- Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaaneech Abeebee deeggarsa dhiyeessii meeshaalee barattoota barnoota baraa dhufuuf hooggantota Baankii garaagaraa waliin mari’ataniiru.

Hooggantonni Baankii kanneen bara darbee bulchiinsi magaalichaa waamicha dhiyeesse fudhachuun deeggarsa meeshaalee barnoota taasisaa tureerra jedhan.

Yeroo itti anuufis deeggarsa barbaachisa taasisuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Aadde Adaaneech Abeebee, diinagdee biyyaa sochoosuuf fi jijjiiruuf baankonni dhuunfaa fi mootummaa akkasumas dhaabbileen faayinaansi shoora olaanaa bahaa akka jiran dubbataniiru.

Nyaata barattoota dabalatee sochiwwan adda addaa eegalame akka deeggaraniifis aadde Adaaneech waamicha dhiyeesaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment