Baankileen garaagaraa naannoo Tigraayitti tajaajila laachuu eegalan

Finfinnee, Mudde 11, 2015 (FBC) – Baankileen garaagaraa naannoo Tigraayitti tajaajila laachuu eegaluu isaanii ibsame.

Baankiin Intarnaashinaalii Anbassaa naannoo Tigraay iddoolee tokko tokko tajaajila laachuu eegaleera.

Baankichi damee isaa Shiree Inda Sillaasee fi naannawaa isheetti tajaajila laachuu eegaluu beeksiseera.

Akkasumas Baankiin Wagaagan Allaamaaxaa fi Raayyaa Dhummuugaatti  tajaajila adda cite ture eegaluu beeksiiseera.

Baankichi kana dura dameewwan Sattiit Humaraa, Adii Ramatsii, Daanshaa fi Takkazeetti tajaajila eegaluu isaa ragaan Baankicharraa argame ni mul’isa.

Dabalataan dameewwan Distiriiktii Maqalee fi Shireetti tajaajila laachuu eegaluuf qophii duraa xumuruu isaa beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment