Baankiin Wagaagan naannoo Tigraayitti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 40 taasise

Finfinnee, Mudde 6, 2016 (FBC) – Baankiin Wagaagan naannoo Tigraayitti lammiilee sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 40 taasiseera.

Waamichi bulchiinsi yeroo naannichaa taasise hordofee baankichi deeggarsa kana taasisuu ibsameera.

Pireezidaantiin Baankii Wagaagaan Dooktar Akliluu Wubat deeggarsicha hoggantoota mootummaa bulchiinsa yeroo naannichaaf laataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment