Baankiin Oromiyaa fi Giloobaal Alliyaans lammiilee hongeen miidhamniif deeggarsa Birrii miiliyoona 10 taasisan

Finfinnee, Amajjii 26, 2014 (FBC) – Baankiin Oromiyaa fi dhaabbanni Giloobaal Alliyaans lammiilee hongeen miidhamniif deeggarsa midhaan nyaataa fi meeshaalee Birrii miiliyoona 10tti shallagamu taasisan.

Deeggarsichi lammiilee godina Booranaa fi Gujii akkasumas naannoo Somaaleetti hongeen miidhamaniif ta’’uu ibsamera.

Baankiin Oromiyaa rakkoolee sababa hongeen miidhamaniif qaqqabuu fi dandamachiisuuf deeggarsa midhaan nyaataa kuntaala kuma 2 Birrii miiliyoona 5 bitee taasisuu preezdaantiin baankichaa obbo Tafarii Makonnin ibsaniiru.

Dhaabbanni Giloobaal Alliyaans gamasaan lammiilee naannoo Somaalee hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa fi meeshaalee Birrii miiliyoona 5tti shallagamu taasiseera.

Biqilaa Tufaa fi Minyaahil Mallasaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment