Finfinnee, Waxabajjii 24, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allebal Baankii Misoomaa Afrikaatti Daayreektera sagantaa Kaantirii Ityoophiyaa fi itti gaafatamaa giddugala Afrikaa Bahaa Dooktar Abduul Kaamaaraa waliin mari’ataniiru.
Paarkiiwwan Indaastirii Oromiyaa, Kibbaa fi naannoo Amaaraatti ijaarramuurratti argaman 3f deeggarsa maallaqaa taasiifamu ilaalchisee mari’ataniiru.
Baankiin Misoomaa Afrikaa ijaarsa Paarkiiwwan Indaastirii Qonnaa kanneeniif deeggarsa kan taasiisu ta’uu Dooktar Abduul Kaamaaraan dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Daldalaa fi Indaastiriirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.