Baankiin misoomaa Afrika damee qonnaa Ityoophiyaa guddisuu fi cimsuuf deeggarsa taasisaa jira-Pireezidaantii Baankichaa

Finfinnee Guraandhala 18, 2015 (FBC)- Baankiin misoomaa Afrikaa damee qonnaa Ityoophiyaa guddisuu fi bu’uuraalee misoomaa cimsuuf deeggarsa taasisaa jiraachuu Pireezidaantii Baankichaa Akiinwumii Adeesiinaa dubbatan.

Baankiin Ardichaa hojiilee misoomaa Ityoophiyaa garaagaraa tumsuuf deeggarsa doolaara Biiliyoona 1.3 taasisaa jiraachuu pireezidaantichi kaasaniiru.

Oomishtummaa qonnaa guddisuuf indaastirii qindeessa qonnaa fi sonaa oomisha qonnaaf xiyyeeffannaa addaa kennuun deeggarsa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Ityoophiyaan, Jibuutii, Sudaaniif bu’’uraa misooaaelektirikii dhiyeessuun naannawaa Afrikaa bahaa anniisaan walitti hidhuuf tattaffii taaiftuu baankichii deeggeraa jira jedhaniru.

Afrikaatti damee qonnaa milkaa’ina olaanaa galmeessaa dhufe deeggaruuf, ardittiin wabii nyataa akka mirkaneeffattu hojjechaa jiraachuu eeranii damechis guddina argisiisaa jira jedhaniiru.

Ityoophiyaan waggottan darban naannawaa gammoojjiitti oomishtummaa qamadii dabaluuf hojechaa jirtuu akka galma ga’uuf baankichi deeggarsa taasisuu TOI gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment