Baankiin Misooma Itiyoophiyaa deeggarsa meeshalee wal’aansaa Birrii miiliyoona 31 taasise

Finfinnee, Sadaasa 7, 2016 (FBC)- Baankiin Misooma Itiyoophiyaa Giddugala Wal’aansa Daa’imman Dhukkubsattoota Onneef deeggarsa meeshalee tajaajila baqaqsanii wal’aanuu Birrii miiliyoona 31 taasiseera.

Pireezidaantiin Baankichaa Dooktar Yohaannis Ayyaalewu, bara darbe daawwannaa giddigalichatti taasisaniin giddugalichi ogeeyyi gahaa qabaatus hanqina meeshalee akka qabu hubachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan rakkoo giddugalichaa hambisuuf akkaataa waadaa galaniin baankichi deeggarsa meeshalee tajaajila baqaqasnii wal’aanuu Birrii miiliyoona 31 taasisuu eeraniiru.

Deeggarsichis tajaajila onne baqaqsanii wal’aanuu 250 ol taasisuuf kan tumsudha jedhameera.

Kana malees, dhibamtoota onnee tajaajila argachuuf dabaree eeggataniif furmaata ta’uu ragaan giddugalicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment