Baankiin Misooma Afrikaa qorannoo bu’aa qabeessummaa proojaktii Baaburaa Ityoo – Sudaaniif Doolaraa miiliyoona 1.2 deeggarsa taasise

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2012 (FBC) – Boordiin daayreektooreetii Baankii Misooma Afrikaa qorannoo bu’aa qabeessummaa proojaktii Baaburaa Ityoo – Sudaan Ityoophiyaaf deeggarsa Doolaraa miiliyoona 1.2 raggaasise.
 
Kiiloo Meetira kuma 1 fi 522 kan dheeratu Proojaktii daandii baaburaa Finfinnee fi Kaartuum walqunnamsiisu ijaarsisuuf mootummoonni biyoota lamaaniin waliigaluun isaanii kan yaadatamuudha.
 
Proojaktich Kaartuum qaxxaamuruun Buufata Galaanaa Diimaa Sudaan waliin kan wal qunnamu jedhame.
 
Baankichis baajata qorannoo bu’aa qabeessummaa proojaktichaaf barbaachisu Doolaara miiliyona 3.4 keessaa %35 kan uwwisu raggaasisuu himameera.
 
Kan hafe Doolaarri miiliyoonni 2 ammoo Haala Mijeessa Qophummaa Proojaktii Bu’uraalee Misoomaa ‘Neeppaadiin’ kan uwwifamu ta’a jedhamee eeggama.
 
Qoranichi waggoota 2 kan fudhatu yoo ta’u, qorannoo teeknikaa, diinagdee, majatummaa naannoo fi Faayinaansii kan hammatuudha.
 
Daandiin mijataan Baha Afrikaa walqunnamsiisu dhabamuu isaan daldaala, misoomaa fi hariiroo naannicharratti gufuu guddaa ta’uu baankichi ibsuu isaa ragaan Loojeestiikii Afrikaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment