Baankiin Invastimantii Bu’uuraalee Misoomaa Eeshiyaa damee inarjii Itiyophiyaa akka deeggaru ibse

Finfinnee, Sadaasa 20, 2017 (FBC)- Itiyoophiyaatti dhiyeessii humnaa fi raabsaa isaarratti hojiilee damee hedduu hojjetamaa jiran akka deeggaru Baankiin Invastimantii Bu’uuraalee Misoomaa Eeshiyaa beeksise.

Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan, Pireezidaantii fi Dura Taa’aa Boordii Baankii Bu’uuralee Misoomaa Eshiyaa Jiin Liikuun waliin mari’ataniiru.

Haaluma kanaan dhaabbanni isaanii bishaan dhugaatii, damee qulqullinaa, bulchiinsa qabeenya bishaanii fi misooma inarjii irratti xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan ibsaniiru.

Rakkoolee sarara daddabarsa humnaa irratti mudatan hambisuuf damichaan biyyoota muuxannoo qaban irraa deeggarsa barbaannaa jechuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Jiin Liikuun gama isaaniin damichaan hojiilee Itiyoophiyaan hojjechaa jirtu dinqisiifatanii, dhimmoota walta’iinsa hojjechuun barbaachisu adda baasuu, gaaffii dhiyeessii humnaa biyyoota ollaa fi jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuu irratti walta’iinsaan akka hojjetan himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment