Finfinnee, Mudde 7, 2015(FBC)- Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa qonnaan bultootaaf lakkoofsa qusannoo baankii addaa qopheessuun miiliyoonota fayyadamoo taasuu ibsame.
Baankichi gahee aksiyoonaa %56 ta’u waldaalee hojii gamtaa, qonnaan bultootaafi horsiise bultootaaf kennuun fayyadamoo akka ta’aniif hojjechaa turuu yaadachiifameera.
Baankichi tajaajila qusannoo liqaa kennuun cinaatti bu’aa waggaatti argaturraa %1 leenjiif kan oolchu ta’uufi qonnaan bultootaaf lakkoofsa qusannoo addaa qopheessuun miiliyoonota fayyadamoo taasisuu Pireezidaantiin baankichaa Obbo Darribee Asfaawu ibsaniiru.
Guyyaan waldaalee hojii gamtaa mata duree “ Waldaaleen Hojii Gamtaa Ijaarsa Addunyaa Fooyya’aaf” jedhuun magaalaa Adaamaatti sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.
Sagantichaan waldaalee hojii gamtaa bara darbe raawwii olaanaa galmeessisaniif beekamtiifi badhaasni kennameera.
Beetaliheem Maku’anintitu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.