Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC) – Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa godinaalee Oromiyaatti Lammiilee Hongeen Miidhamaniif Deeggarsa Birrii Miliyoona 70 taasise.
Baankichi Yaa’ii waldaalee Hojii Gamtaa yeroo 3ffaadhaaf Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeessaa ooleera.
Bara kana Baankichi Doolaara Ameerikaa miliyoona 35 ol argateera.
Keessumaa Yuuniyeenota Al- ergii olaanaa galmeessuun doolaara guddaa argamsiisaniifis badhaasa kompiyuutera 5 fi printara 2 badhaaseera.
Kana Malees Waldaalee bu’uraa Qusannaa isaanii Baankichatti guddifataniifis badhaasa laateera.
Herrega qusannaa kuma dhibba 1 fi kuma 30 ol Birrii miiliyoona dhibba 8 ol irraa argateera.
Qonnaan Bultoota 200f tiraakteera kenneera.
Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 77 ol liqaadhaan qonnaan bultootaf kenneera.
Dameewwaan baankichaa keessaa harki 78 magaalota xixiqqoo keessatti banamuun tajaajila laachaa jiru.
Bara 2025 Baankoota dhuunfaa jiran keessaa adda duree ta’uuf hojjechaa jira jedhame.
Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Qabeenya waliigaa Birrii Biliyoona 83 qabaachuus ibsameera.
Baankichi Dameewwan 509 qabaachuu fi Maammiltoota miliyoona 8 horachuu isaa ibsameera.
Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan,deeggarsa Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Lammiilee Hongeen miidhamaniif taasiseef galateeffachuun,Baankichi Hanga gandaatti gadi bu’uun Qonnan Bulaa Oromoo diinagdeen aangomsuuf kutatee akkuma ka’e ammas tattaaffii isaa jabeessee itti fufuu qaba jedhaniiru.
Waldaaleen hojii gamtaa giddu gala biyyattii magaalaa Finfinneetti oomisha isaanii akka gurgurataniif bakki qophaa’eera jedhan Obbo shimallis.
Waldaaleen carraa kanatti akka fayyadamaniif waamicha dhiheessaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu Gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.