Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Lammiilee Godina Harargee Lixaa hongeen miidhamaniif deeggarsa taasiise

Finfinnee, Bitootessa 6, 2014 (FBC) – Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Lammiilee Godina Harargee Lixaa hongeen miidhamaniif midhaan Nyaataa kuntaala kuma 1 fi 200 deeggarsa taasiiseera.
Deeggarsa kanaanis midhaan Nyaata Dubartootaa fi Daa’immaniif ta’u kanneen akka Faafaa ,qamadii fi Zaayitii Liitira Kuma 20 walumatti Birrii miiliyoona 3 oliitti tilmaamamu ta’uu Itti aanaan Preezdaantii Baankii Dhalarraa Bilisaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa obbo Godaanaa Qaabatoo ibsaniiru.
Hanga rakkichi furmaata argatuutti deeggarsi taasiifamu kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.
Itti aanaan Bulchaa Godina Harargee Lixaa obbo Tashoomaa Kabbadaa deeggarsa Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Lammmilee Hongeen miidhamaniif taasiseef galateeffachuu OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment