Baankiin hojii Gamtaa Oromiyaa hawaasa sababa hongeen miidhameef deeggarsa Birrii miiliyoona 70 taasise

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2014 (FBC) – Baankiin hojii gamtaa Oromiyaa lammiilee godinaalee Oromiyaa 8 keessatti hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 70tti tilmaamamu taasise.

Baankichi deeggarsa  daakuu boqqoolloo kuntaala kuma 8 fi 400 , Nyaata madaalaamaa  daa’imanii, haadholee fi manguddootaaf oolu kuntaala kuma 2, Zayita nyaataa Leetira kuma dhibba 1 fi kuma 50 fi  marga loonii hidhaa kuma 56 taasisera.

Baankiin hojii Gamtaa Oromiyaa yeroo rakkoo hawaasa bira dhaabbachuun duudha isaa ta’uu Preezdaantiin Baankii hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Dirribee Asfaaw ibsaniiru.

Deeggarsa taasifame keessaa Birriin miiliyoona 50 ta’u hojjettoota baankichaarraa walitti qabamuu fi Birriin miiliyoonni 20 baankichi guumachuu himaniru.

Walumaa galatti Baankichi hawaasa sababa hongeen miidhamanif deeggarsa Birrii miiliyoona 70 ta’u guyyaa har’aa eegalee geejjibsiifamuu akka eegalus himameera.

Itti aanaan hoogganaa Koomishinii hooggansa sodaa balaa fi kaafamtoota Oromiyaa koomishinar Garramuu Oliiqaa sababa hongee godinalee Oromiyaa muudateen godinaalee 8 keessaatti namoonni miliyoonatti dhiyaatan balaa kanaan midhamuu himuun,deeggarsa Baankichi  taasiseef galateeffataniru.

Ammas taanan balaa hongee kanaan gahe dandamachuuf lammileen hundi deeggarsa isaanirra barbaachisu bahuu akka qaban kaasaniru.

Deeggarsi kunis hawaasa godinaalee Booraanaa, Gujii, Gujii Bahaa, Haragree Bahaa, Harargee Lixaa fi Baalee Bahaa hongeen miidhamaniif kan oolu ta’uu ibsameera.

Dajanuu Gonfaatu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment