Finfinnee, Sadaasa 19, 2017 (FBC)- Baankiin Giddugaleessaa Raashiyaa bittaan Doolaara Ameerikaa har’arraa eegalee dhaabuu beeksise.
Baankiin Raashiyaa akka beekisetti, har’arraa eegalee hanga dhuma waggichaatti jijijjiirama gabaa sharafa biyya keessaan bittaawwan maallaqa alaa taasifaman hir’isuuf bittaa Doolaaraa dhaabeera.
Baankichi murtecharra kan ga’e dandeettiin bituu maallaqa Raashiyaa gadi bu’uurraan kan ka’ee ta’uun ibsameera.
Guyyaa kaleessaa Doolaarri Ameerikaa 1 Ruubil 114’n gurguramaa akka ture himameera.
Dandeettiin bittaa Ruubil gadi bu’aa dhufuun siyaasa quubsumaa biyyoonni lixaa hordofaniin qoqqobbiiwwan ka’aman hordofee ta’uun gabaafameera.
Ameerikaan torban darbe damee faayinaansii Raashiyaarra ugguraa kaa’uun, baankii guddinaan 3ffaa biyyatti Gaazpiroom irratti kan qiyyaaffatee ta’uun ibsameera.
#Oromia #Ethiopia