Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa maamiltoonnisaa ragaalee lakkoofsa herregaa isaanii yeroo kamiyyuu sirreeffachuu akka danda’an ibse

Finfinnee, Bitootessa 2, 2014 (FBC)- Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa maamiltoonnisaa ragaalee lakkoofsa herregaa isaanii yeroo kamiyyuu sirreeffachuun tajaajila argachuu kan danda’an ta’uu beeksiseera.

Odeeffannoon miidiyaa hawaasummaa fi maddeen tokko tokko lakkoofsi herregaa maamiltoota ragaalee isaanii hin sirreessine ni cufama yookaan sochoosuu hin danda’an jechuun tamsaasan odeeffannoo dogoggoraa ta’uu baankichi ibseera.

Qajeelfama Baankiin Biyyaalessa Ityoophiyaa bara faranjootaa 27-08-2021 baase hordofee baankonni baatiiwwan 6 darbaniif ragaalee maamiltootasanii gurmeessaa fi qindeessaa turuun kan yaadatamudha.

Haaluma kanaan hanga ammaatti maamiltoonni hedduun dameewwan baankileetti argamuun lakkoofsa herrega isaanii sirreeffataniiru.

Haa ta’uutti maamiltoonni sababa garaagaraan hanga har’aatti lakkoofsa herregasaanii waqtawaa gochuu hin dandeenye tajaajiloonni diijitaalaa baankiingii kanneen akka moobaayil baankiing, intarneet baankiing, ATM fi tajaajilli paasii kan adda citu yoo ta’u maamiltoonni yeroo kamiyyuu dameewwan baankiitti argamuun wayita sirreessan tajaajilicha battalumatti kan argatan ta’uu ibseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment