Finfinnee, Sadaasa 30, 2014 (FBC) – Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa Birrii biiliyoona dhibba1 ol liqaa kennuuf qophaa’uu beeksiise.
Baankichi bara baajataa kanaa damee dhuunfaa, Galtee Qonnaa fi dhaabbilee misoomaa Mootummaaf Birrii biiliyoona dhibba 1 ol Liqaa laachuuf qophaa’uu beeksiiseera.
Shira diinagdee fi gabaa seeraan alaa to’achuuf Baankonni Mootummaa fi Dhuunfaa liqaa laachuu yeroof dhaabuun isaanii kan yaadatamuudha.
Dhorkamichi tibba darbe kan ka’e yoo ta’u, Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa bara kana Birrii biiliyoona dhibba 1 ol liqaan laachuuf qophaa’uu Itti aanaa Preezdaantiin Liqaa fi bulchiinsa Qabeenyaa Baankii Daldalaa Ityoophiyaa obbo Mulunahi Lammaa ibsaniiru.
Damee dhuunfaaf Birrii biiliyoona 25, Galtee Qonnaaf Birrii Biiliyoona 30 fi kan hafe Dhaabbilee Misoomaa Mootummaaf kan laatamu ta’uu dubbataniiru.
Maallaqichi haala diinagdee si’eessuu fi carraa hojii uumuuf qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Sababa dhorkama liqaa tureen Proojektoonni dhaabbatanii turan xumuramuun carraan hojii akka uumamu gargaara jedhan obbo Mulunahin.
Haaluma kanaan Proojektoonni dhaabbatanii turan liqaa isaan barbaachisu argachuun gara hojiitti akka galan sochiin eegalamuu himaniiru.
Maddi:-TOI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.