Baankiin Daldala Ityoophiyaa odaa seenaa Faayinaansii Ityoophiyaa -MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2014 (FBC) – Baankiin Daldala Ityoophiyaa umrii waggaa 80 kan qabu odaa seenaa Faayinaansii Ityoophiyaati Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Rakkoolee keessaa fi alaa isa mudatan dandamachuun sadarkaa kanarra kan ga’e, odaa faayinaansii biyyattii jedhan.

Baankiin Daldala Ityoophiyaa fi dhaabbileen faayinaansii biyyattii sirna kenniisa liqii fooyyessuun abbootii qabeenyaa qofa utuu hintaane qonnaan bultootaa fi hojjettootafis tajaajila liqii barbaachisu laachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Baankii Daldala Ityoophiyaa imalasaa waggoota 80n bu’uura misoomaa fi diinagdee biyyattii ta’ee tajaajilaa kan turee fi jiruu jedhan Preezdaantiin baankichaa obbo Abbee Saannoon .

Baankichi waggoota lama keessatti Birrii biiliyoona 2.6 deeggersa taasiseera.

Baankichi tajaajilasaa ammayyeessuun fedhii maamilootaa guutuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Walitti qabaan Boordii Daayeekteerota Baankii Daldala Itoophiyaa obbo Taklawaldi Axnaafuun gama isaaniin, bilisummaa fi dhaga’ummaan biyya tokkoo guddina diinagdee biyyaarratti hundaa’a jedhan.

Baankonni sirna diinagdee biyya tokkoof bu’uura ta’uu kaasaniiru.

Baankichi waggaa 80ffaa Waajjira muummeesaa akka Afrikaatti sadarkaa 3ffaa ta’e ijaaree xumuruun eebbisiisee imalasaa mata duree ”Gara olka’iinsa haaraaatti” jedhuun kan itti fufu ta’uu himaniiru.

Baankichi hoggantoota damee faayinaansii baankichaa fayya buleessa taasisuu fi guddina baankichaa keessatti gumaacha olaanaa taasisan shan (Ambaasaaddar Girmaa Birruu, obbo Taklawaldi Axinaafuu, Doktar Tafarraa Dagfee (amma lubbuun kan hinjirre), obbo Alamuu Abarraa fi obbo Xilaahuun Abbaay) badhaasa addaa badhaaseera.

Kana malees hojjetoota waggoota dheeraaf baankicha tajaajilan, hoggantoota baankichaa milkaa’ina gamoo ijaarsa waajjira muumnee baankichaa keessatti gumaacha olaanaa taasisanii fi hoggantoota baankichaa duraanii fi ammaa badhaasuu DhPI gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment