Baankiin Biyyaalessaa Ityoophiyaa maallaqa callaa Birri biiliyoona 5 Maqaleetti erguu eegale

Finfinnee, Amajjii 27, 2015 (FBC)-Murtee Muummee Ministiraa Abiy Ahimad dabarsan hordofee Baankiin Biyyaalessaa Ityoophiyaa maallaqa callaa Birri biiliyoona 5 gara Maqaleetti erguu eegale.

Maallaqni callaan kun Wiixataa dhufurraa jalqabee akka raabsamu Gorsaan Dhimmaa Nageenyaa Biyyaalessaa Muummee Ministiraa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen beeksisaniiru.

Dabalataan Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa guyyaatti balalii gara Maqaleetti taasisu sadii irraa gara shaniitti guddisuu Ambaasaaddar Reedwaan himaniiru.

Miseensonni waliigaltee nageenyaa mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT yeroo jalqabaaf bakka Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad argamanitti kaleessa ‘Keellaa Halaalaatti’ walarguun mari’achuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan Muummeen Ministiraa balaaliiwwan gara Maqaleetti taasifaman akka dabalan, tajaajillii baankii fi dhimmoonni wal amataa cimsanii fi tajaajilooni jireenya lammiilee fooyyessan biroon akka saffisaan qajeelfama dabarsuun ni yaadatama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment