Finfinnee, Onkololeessa 21, 2017 (FBC)- Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa gabaa maallaqaa Baankonni walirra liqeessanii fi liqeeffatan ifoomse.
Baankichi ibsa baaseen, imaammata maallaqaa dhala irratti hundaa’ee hojiirraa oolchuutti seenuu hordofee, karoora tarsiimawaa bara giddu galeessaa keessatti hojiirra ooluuf qabamn keessaa tokko bittaa fi gurgurtaa maallaqaa baankotaa gidduutti taasifamauu akka eegaluu fi bu’aa qabeessa akka ta’uuf itti gaafatamummaa fudhachaan hojjechaa turuu beeksiseera.
Kana galmaan ga’uuf baankichi akka qaama to’atutti qajeelfamaa fi dambii naamusaa baasuun akkasumas baankonni bittaa fi gurgurtaa maallaqaaf kan itti fayyadaman sirna daldala elektirooniksii raggaasisuun haala mijataa uumuu ibseera.
Gabaa maallaqaa baankota gidduutti jalqabamuun, baankonni daddabarsa maallaqa isaanii guyyuu akka hogganaanii fi damee baankii cimsuuf kan gargaaru ta’uu himeera.
Daldalli maallaqaa baankota gidduutti taasifamus kaffaltii liqii yeroo gabaabaa jechuunis liqii guyyaa tokkoo yookaan guyyaa torbaa kan dabalatu ta’uu eereera.
Kunis baankonni hanqina maallaqaa yeroo gabaabaa uwwisuun yookaan maallaqa darbaa baankota biroof liqeessuun daddabarsa maallaqaa gahumsaan akka hogganaan kan taasisu ta’uu beeksiseera.
#Oromia #Ethiopia