Baankiin Biyyaalessaa Fooyyessii bulchiinsa sharafa alaan jijjiirama imaammataa haaraa taasise

Finfinnee, Adoolessa 22, 2016 (FBC)-Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Fooyyessii bulchiinsaa sharafa alaan jijjiirama imaammataa haaraa taasisuu beeksise.

Fooyyessiin taasifames har’arraa eegalee hojiirraa kan oolu ta’uu beeksiseera.

Haaluma kanaan:

1. Tilmaamni sharafa alaa sirnaa gabaa baankotaa fi maamiltootaa gidduutti murtaa’uuttu kan ce’u ta’uu eeruun gaheen Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa gabaa tasgabbeessuurratti kan xiyyeeffatudha.

2. Sharafa alaa baankii biyyaalessaaf akka dabarfamuu dirqamni ture kan hafudha. Kanaanis alergitoonii fi baankonnii daldalaa sharafa alaa horatan ofii isaaniif hambifachuu kan danda’an yoo ta’u, dhiyeessii sharafa alaa damee dhuunfaaf kennamu harkaa dachaan kan fooyyessuudha.

3. Kanaan dura shaqaxoota daldala galii 38 irratti dhorkiin kaa’amee turee ka’eera. Yaa’iinsaa herregaa kaappitaalaa gara alaatti taasifamu akkuma kanaan duraa kan daangeffame ta’us, gabaan sharafa alaa shaqaxootaa galii fi tajaajilootaaf bilisaa akka ta’u eerameera.

4. Daldaltoonni gara alaatti ergan galii sharafa alaa horatan %40 ofii isaaniif hambisaa turan gara %50’tti guddateera.

5. Kanaan dura baankonni shaqaxoota galii alaaf hojmaataa fi ramaddii sharafa alaa fayyadamaa turan kan hafudha.

6. Yeroo ammaa biirolee sharafa alaa (Forex Bureaus)baankoltaan hundeeffamanii hojiirra jiraanitti dabalataan biiroleen sharafa alaa dhuunfaa kan hundeeffaman ta’uun eerameera. Biiroleen sharafa alaa dhuunfaa gatii gabaatiin maallaqa calla sharafa alaa akka bitanii fi gurguran eeyyamni kan kennamu ta’uun himameera.

7. Shaqaxootaa ‘Firaankoo Vaaluutaan’ meeshaaleen alarraa gara biyya keessaa galanirra dhorkiiwwan kaa’amanii turan hambisuun dambiiwwan fooyya’iinsaa dhiyeenyatti kan ba’an ta’u.

8. Seeroonni bulchiinsa akkaawuntii sharafa alaa Invastaroota alaa fi Diyaaspoorawwaniin banaman hedduun akka laafaan taasiifameera.

9. Lammiileen Itiyoophiyaa biyya keessa jiraataaniif maallaqni karaa tajaajila waawaalaan ergaman, mindaan sharafa alaan kaffalamuuf/ galiin kiraa fi galiiwwan biroof akkaawuntii sharfa alaa akka banatan, akkasumas herreega kanneen fayyadamuun tajaajila kaffaltii alaa akka raawwatan eeyamameera.

10. Fiixeen hamma dhalaa liqaa alaarratti dhaabbileen yookaa Baankonni kana dura kaffalaa turan ka’eera.

11. Invastaroonni Alaa ulaagaa guutaan gabaa sanada qabeenyaa Itiyoophiyaa (Ethiopian Securities Exchange) irratti akka hirmaatan eeyyamameera.

12. Dhaabbileen Zoonii Diinagdee Addaa keessatti hojjetan galii sharafa alaa guutummaatti qabachuu dabalatee mirgi fayyadamummaa sharafa alaa addaa kennameefira.

13. Dambiiwwan ciccimoon garaagaraa hanga sharafa alaa imaltoonni gara Itiyoophiyaa seenanii fi Itiyoophiyaa gara alaa imalan irra kaa’amee ture akka laafaan taasifameera.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment