Baankichi hawaasni guyyoota hafan keessatti Birrii Noottii duraanii akka jijjiiratu waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2013 (FBC) – Hawaasni guyyoota hafan keessatti Birrii Noottii duraanii akka jijjiiratu Itti Aanaan Preezdaantii Baankii Biyyaalessaa obbo Solomoon Dastaa ibsan.

Itti Aanaan Preezdaantii Baankii Biyyaalessaa obbo Solomoon Dastaa ibsa har’a laataniin hanga ammaatti Birrii Noottii haaraan biiliyoona 90.4 baankotaaf rabsameera.

Birrii Noottii moofaa biiliyoona 100 fi biiliyoona 40.4 walitti qabuu himaniiru.

Dabalataan herregaa haaraa kuma 200 fi kuma 73 ol banuu ibsaniiru.
Herreega haaraa banamaniin Birrii biilyoona 13.5 walitti qabuu eeraniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment