Finfinnee, Amajjii 9, 2015 (FBC)- Baankii Awaashii fi Inistitiyuutiin Artifiishaal Intalajansii Ityoophiyaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Waliigaltecha Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Baankii Awash Tsahaay Shifarraa fi DaayrektarOlaanaa Inistitiyuutii Artifiishaal Intalajansii Ityoophiyaa Warquu Gaachanaa mallatteessaniiru.
Dhabbileen lameen odeeffannoo baankii teeknooloojiin deeggarame walitti qabuuf kan tumsu ta’uu fi kenniinsa tajaajilaa kan ammayyeessu ta’uun eerameera.
Hoji Raawwachiisan Baankii Awaash Tsahaay Shifarraa akka jedhanitti, kenniinsa tajaajilaa teeknoolojiin deeggaruun tajaajilicha mijataa fi saffisaa taasisuuf akka gargaaru dubbatan.
Dhaabbileen lameen teeknooloojii roobootiksiin damee appilikeeshinii baankiingii irratti qo’annoo fi qorannoo taasisuun tajaajila baankichaa ammayyeessuuf kan dandeessisu hojiilee teeknoolojii waloon akka hojjetan eerameera.
Daayrektarri Inistitiyuutichaa Warquu Gaachanaa gama isaaniin waliigaltechi waliingahiinsa baankichaa bal’isuuf hojiilee gaggeeffamaa jiran tumsuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Inistitiyuutichi dameewwan garaagaraa gama ammayyeessuun hojiilee bal’aa hojjechuu eeranii, waliigalteen mallatteeffames sirna faayinaansii gama ammayyeessuun gahee olaanaa akka qabu himaniiru.
Beeteliheem Mokuwaanintu gabaase
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.