Baankiin Awaash lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 15 taasise

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC) – Baankiin Awaash lammiilee naannoo Somaaleetti hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa Birrii miiliyoona 15tti tilmaamamu taasisuu ibsame.

Deeggarsicha Baankichatti daayrektarri olaanaan damee Bahaa obbo Wagaayyahu Tashoomaa fi hoggantoonni Baankii Awaash Damee Jigjigaa magaalaa Jigjigaatti argamuun  Biiroo Hoggansa Sodaa Balaa naannichaatti laachuu ragaan Biiroo kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment