Baankiin Awaash baankii filatamaa Ityoophiyaa ta’uun filatame

Finfinnee, Eebila 8, 2014 (FBC) – Baankiin Awaash baankii filatamaa Ityoophiyaa ta’uun filatameera.

Gloobaal Faaynaans yeroo 29ffaaf baankii filatamoo bara 2021 ifoomseera.

Haaluma kanaan ardii Afrikaarraa baankii filatamaa 1ffaan Baankii Afrikaa Kibbaa Istaandard Baank jedhamu yoo ta’u Ityoophiyaarraa ammoo Baankiin Awaash filatameera.

Filannichi kan gaggeeffame baankiiwwan biyyoota 150 keessatti argaman keessaa yoo ta’u 36 Afrikaarraa ta’uu ibsameera.

Baankiichi filatamuu kan danda’e bara baajataa darbe rakkoolee Vaayrasii Koroonaa, jeeqama siyaasaa, qaala’iinsa gatii fi hanqina sharafa alaa fi kanneen biroo dandamachuun bu’aa quubsaa galmeessuu danda’uusaan ta’uu hojii raawwachiisaa olaanaan Baankii Awaash obbo Tsahaay Shifarraaw ibsa miidiyaaleef laataniin ibsaniiru.

Dhuma bara 2021tti LC Marjin dabalatee  hangi qusannaa baankichaa Birrii biiliyoona 107.7 gahuu ibsameera.

Kunis baankota dhuunfaarraa kan jalqabaa isa taasisuu fi seenaa haaraa galmeessuu obbo Tsahaay ibsaniiru.

Bara 2021tti bu’aan waliigalaa baankichaa Birrii biiliyoona 5.5 ga’uu eerameera.

Maahileet Taklabirhaantu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment